Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Magaalaan Geedoo loltoota Wayyaaneen marfamtee dhiphataa akka jirtu MOA gabaase.

(Madda Oduu ABO/MOA Bitootessa 12,2009) Sochii barattoota Oromoo Godina Shawaa Lixaa magaalaa Geedootti dhalateen wal qabatee mootummaan faashistii wayyaanee sodaan liqimfamuun humna waraana isaan magaalattii fi naannoo sana marsee jiruu fi jireenya lammiilee balaa irra buusee akka jiru maddeen keenya saaxilaniiru.

Barattootni Oromoo Geedoo eenyummaa saba Oromoo tiksuu fi mirga Oromoo gaafachuuf torban kanaa qabanii sochii irra kan jiran oggaa ta’u, moootummaan faashistii wayyaanee sagalee barattootaa kana dhaamsuuf tarkaanfii humnaa fudhateen barataa Wandimmuu Daammanaa rasaasaan ajjeesuun gabaafameera. Mormiin jiru babal’achuun barattootni naannolee biroos sagalee mormii dhageessisaa jiraachuun barameera.

Gama biraan ummatni naannoo Geedootti argamu waraana wayyaanee meeshaalee gugurdaa hidhatee doorsisaaf olii fi gadi yaa’u dheessuun gabaa dhaquu irraa akka of qusatan maddeen keenya ifa godhu.

Hiraarri ummata irra ga’aa jiru babal’ataa jiraachuu kan ibsan maddeen keenya, namni mobilen haasa’u yo argame eenyu waliin haasofta jedhamee akka dhaanamuu fi saamamu ifa godhan.

Ummatnii fi barattootni walta’uun gocha faashistummaa wayyaaneen raawwachaa jiru dura dhaabbachuuf bifa adda addaan socho’aa akka jiranis maddeen keenya dabalanii eeraniiru.

********* 

Magaalaa Dirree Dhawaa fi naannoo isiitti basaasonni wayyaanee bobbaafamanii ummata goolaa jiran saaxilaman.

(Madda Oduu ABO/MOA Bitootessa 12,2009) Odeessi baha Oromiyaa irraa nu gahe akka hubachiisutti, basaasonni Wayyaanee dharaan namoota nagaa yakkanii hidhatti guursisuu fi sabboontota Oromoo irratti shira xaxuuf bobbaafaman.

Basaasonni diinaa naannoo Dirree Dhawatti ilmaan Oromoo dharaan hiisisaa jiranis Aammee Mahammad, Najiib Jamaal fi Abdulaxiif Isma'il kanneen je’aman ta’uun barameera.

Tooftaan ergamtoonni wayyaanee namoota nagaa ittiin yaakkuu barbaadan  dhokatanii rasaasa fi meeshaalee waraanaa bakka jireenya ummataa kaa’uun akka ta’e oduun kun ni ibsa. Kana malees, meeshaalee gara garaa nuuf gurguri je’anii erga itti kennanii booda kunoo waan akkanaa harkatti qabne jechuun dalagaa diinummaa irratti hojjechuufaa akka ta’etu gabaafame.

Hanga ammattis ilmaan Oromoo Aadde Zeeynabaa, Ahmaddiin, Bahar, Saabit, Fathiyaa fi Abdujabbaaar kanneen je’aman shira diinaa kanaan  hidhatti guuramanii jiru.

Kana males namni qalbiin fayyaa hin qabne Abdii Ismaa’il je’amu kan Ona Baabbilee naannoo Ija Ginnat bakka Bombaas je’amtu ta’e, ati WBO waliin hidhata qabda je’amee akka malee erga tumameen booda hidhaatti darbatamee dararamaa akka jiru odeessi kun dabalee addeessa.

MOA


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net